Walii galteen nageenyaa mallatteessamus lolli hin dhaabanne jedhu mormitoonni Sudaan Kibbaa. Mootummaan immoo ripxe loltooni namoota ukkaamsanii butu jechuun himate

Hoogganaan garee mormituu Sudaan kibbaa Dr. Riyaak Machaar Finfinneetti kaleessa kan argamu mana jireenyaa isaanii irraa ibsi isaan kennan New Yoork fi Washington irraa erga deebi’anii ka jalqabaa ti. Baatii Hagayyaa keessa kan mallatteessine walii galteenyaan nageenyaa hojii irraoolaa hin jiru rakkoon isa mudate jedhu Machaar.

Kana ilaalchisuu dhaan New Yoork keessatti kan geggeessamee fi wal ga’ii muummicha barreessaa tokkummaa mootummootaa Ban Ki Moon-n qophaa’e irratti ibsa kennuu isaanii illee ibsaniiru. Dhimmi inni ijoon immoo lola dhaabinsi hojii irra ooluu dhabuu isaa ti. Akka isaan jedhanitti kutaa Ikwaatooriyaa keessatti guyyaa tokkoof illee lollil dhaabatee hin beeku.

Lola dhaabinsi sun kan hin kabajamne walii galteen nageenyaa mallatteeffamee lola dhaabinsi dhaabbataan erga beeksisamee qabee ti. Yabaloowwan waraanaa Nile irra turan ni yaadattu.

Yabaloowwan waraanaa kun akka socho’an kan taasisame yeroo walii galteeffametti. Salva kiir naannolee ofii hin to’annetti waraana itti dabalaa akka hin ergine haa taasisamu jechuu dhaan sagalee keenya ol kaasinee dhageesisne. Eenyu illee nu hin dhaggeeffanne. Waraanni itti fufe. Erga Sanaa qabee Ikwaatooriyaa keessatti itti fufee jira.

Gama biraan immmoo Waraanni Sudan kibbaa akka jedhutti angawaan SPLA James Kabila konyaa Maridi baatilee lamaan darban keessa namoota ukkaamsanii butaa turan jechuun himatan. Waraanni biyyattiis bakka gareeleen hidhatan kana bira ga’uu dhaan guyyoota afur dura namoota shantama baraaree jira jedhan.

Namoonni kun jedhan Jumaan uukkaamsamanii kan butaman mana jireenya isaanii keessaa ti. Kaan isaanii poolisoota ennaa ta’an kaan immoo hidhamtoota waardiyaalee mana hidhaa ti. Kanneen kunis to’annaa ripxe loltootaa kanneen naannoo Maridi jala turan. Kanneen siivilota ta’anis maatii isaaniitti makamaniiru jedhan.

Juman namooni siyaasaa kanneen aannoo walii galtee nageenyaa baatii Hagaya keessa prezidaant Salva Kiir fi hoogganaa garee mormituu Riyaak Machar waliin mallatteeffame akka kabajan waamicha dabarsuu dhaan haalli Iqwaatooriyaa gama dhiyaa keessaa hamaa ta’uu akeekkachiisan.

Guyyaa guyyaatti yabaloowwan waraanaa gara naannoo Sanaa dhufan yeroo ja’a deddeebi’uu dhaan waraana keenya Ikwaatooriyaa kaabaa fi gama dhiyaatti argamu haleelu jedhan.

Walii galteen nageenyaa sun mallatteeffamee guyyootii 45 keessatti Sudaan kibbaa dhiisanii ba’uun kan irra ture loltoonni Ugaandaa amma iyyuu achuma jiru. Kanaaf Riyaak Machaar kun gufuu nageenyaa ka biroo ta’uu dubbatu.