Dhukkubi Poliyoo dhabamaa jira. Dhukkubi koleeraa immoo mul'ataa jira. Dhukkubi Busaa hoo?

  • VOA

Afriikaa fi giddu galeessa bahaa keessatti dhukkuba Koleeraatu mul'ate faca'ee uummata kuma hedduu irratti sodaa utuu hin uumin dura to'achuu dhaaf jaarmayaan fayyaa addunyaa ykn WHO yaalii godhaa jira.

Addunyaa irratti immoo ijoolleen lakkoobsaan xiqqoo ta'an dhukkuba Pooliyoo ykn laamshessaan kun ka duraa ta'u sanbata darbee jechuun Onkoloolessa 24 kabajamee kan oole guyyaa Pooliyoo addunyaa irratti ibsameera.

Gama kaaniin dhukkuba busaa ittisuuf tallaaliin argame yaalii dhaaf hojii irra oolchanii hagam quubsaa fi fyyaa namaa kan hin miine ta'uu ilaalamuu qaba jedha jaarmayaan fayyaa addunyaa. Dhukkubi busaa waggaa waggaan nama miliyoona tokko ajjeesuun kan beekamu ennaa ta'u irra hedduun isaanii ijoollee Afriikaa ti. Ijoollee waan miidhuuf jecha tallaalii haaraan argamuun kun immoo gammachiisaa ta'eera.

Your browser doesn’t support HTML5

Qophii fayyaa armaan gaditti caqasaa