Poolisiin Miniyaapolis Nama Dargaggoota Oromoo Lama Ajjese Qorataa Jira

  • Jaalannee Gammadaa

Poolisii Minisootaa

Sadaasa 12 bara 2015 Dilbata darbe galgala Magaalaa Miniyaapolis keessatti Dargaggonni Oromoo lama akkuma konkolaataa keessa jiranti ajjefamuu fi ka sadaffaa akka hamaatti miidhamee mana yaalaa seenuu isaa polisiin magaalatti beksisee jira.

Waajiira Polisii magaalatti irraa Jaan Elder akka ibsanti shakkamtonni lafoo iddoo ajjechaan kun itti gaggeeffame irraa dheessuu isaanii fi qorannaan itti fufuu dubbatan.

Eenyummaa warra ajjefamaniis ta’e ka madaa’ee polisiin hin ibsiin jira.Ibsa polisiin Wiixata Sadaasa 23 bara 2015 kenne irratti kan argaman Obbo Amaanoo Dubee akka jedhanti dargaggonni sadeen Oromoo ta’u isaanii fi barattoota koleejii ta’u dubbatan.

Polisiin qorannoo isaa akka xumureetti sirnii awwaalcha isaanii kan xumuramu ta’uun ibsameera.Gabaasa guutuu dhaggeefadhaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa kana caqasaa