Oromootii DC fi naannoo isii jiran Master Pilaanii Finfinnee falmanii Bulchiinsa Mootummaa Amerikaa,White House duratti hiriira bahan

Hiriira mormi Oromoo DC,VA fi MD

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa kana caqasaa

Oromootii DC,VA,MD fi godina akka akkaatii dhufan hardha bulchiinsa mootummaa Amerikaa,White House duratti walti dhufanii Maater Pilaanii Finfinnee falmanii hiriira bahan.

Hiriira Master Pilanii mormuuf bahe,DC

​Ijoollee Oromoon fixuun haa dhaabbatuu,Maater Pilaanii Finfinnee dinne,Oromoo lafa irraa buqqisuun haa hafuu,Maaster Pilaaniin Oromiyaa lamatti qoodee qonnaan bulaa miliyoona hedduu lafa irraa buqqisa jechaa barreeffama gara garaa qabachuun hiriiratti bahan.

Kana malee obboo Olbaanaa Leellisaa fi hidhamtootii Oromoo hidhaa haa bahanii, USA, Tokkummaan Mootummootaa, Itiyoophiyaa gargaaruu haa dhaabanii jechuun hiriiran.Hiriirii akkanaa kun akka warrii qopheesse jedhetti biyya hedduu keessatti hardhaa fi borillee baha.

DC

Hiriira kana Hawaasa DC fi naannoo isii,Waldaa dubartoota Oromoo addunyaa,Waldaa Dargaggoo Oromoo,Waldaa Maccaa-Tuulama, Waldaa Qeerroo Addunyaa,Waldaa Qeeroo Oromoo fi Waldaa Oromo Amerikaa Kaabaatti waliin qopheesse.