Uummata Rakkate Dhaqqabuu: Gaaffii fi Deebii Obbo Dinquu Dayyaasaa Waliin

  • Namoo Daandii

Dinquu Dayyaasaa, Abbaa Qabeenyaa

Ka dhiheenya wal’aansa Fayyaaf as Yunaayitid Isteets dhufanii deebi’an, abbaan Yunivarsitii Rift Vaalii fi abbaan qabeenyaalee ka biroo, Obbo Diunquu Dayyaasaa, caama hamaa yeroo ammaa Itiyoophiyaa mudate kanatti birmachuuf jecha, dhiheenya kana, uummata hanqina nnyaataaf guddaa miidhame kan Oromiyaa keessaa fi naannoolee addaatiif walumaa-galatti midhaan kuntaala kuma afur bitanii raabsuu isaanii dubbatu. Gargaarsawwan Oromiyaa keessatti kennan karaa barattoota Yunivarsitii isaanii keessatti baratanii raabsuu isaanii fi ka naannoolee ollaa akka naannoo Amaaraa faa immoo, karaa mootummaa dhimmi isaa ilaallatuu dhaqqabsiisuu isaanii ibsanii jiran.

Gama barnootaatiin immoo,gaaffii uummatni naannawa magaalaa Finfinnee bakka “Leencaa” jedhamu irraa isaan gaafateef deebii kennuuf jecha mana-barnootaa sadarkaa lammaffaa fi kilinikii fayyaa of keessaa qabu ijaarsisaniifii kan itti kennuuf qophii xumuran ta’uu dubbatu. Ka dhuunfaa isaanii tahe – Yunivarsitiin Rift Vaalii immoo, yeroo guutummaa biyyattii fi Somaaliiland keessaa walumaa-galatti mooraalee 32 ka qabu tahuu kan Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsan, Obbo Dinquu Dayyaasaa, gara aadaa fi miidiyaa uummata Oromoo guddisuutiinis Televiiziyoona OBS (Oromia Broadcasting Service) jedhamu hundeessuu isaanii dubbatan.

Akeeka isaanii egeree ennaa dubbatanis, dargaggoota Oromoo gurmeessanii, akka isaan wali ijaaruduudhaan hojii daldalaa fi oguma ka biraa sadarkaa biyyoolessaa fi Addunyaa irratti dorgomanii fi guddatan gochuuf kan hojjechuu jalqaban ta’uu ibsan – Obbo Dinquun.

Your browser doesn’t support HTML5

Guutummaa gaaffii fi deebii Obbo Dinquu Dayyaasaa waliin geggeessamee dhaggeeffadhaa.