Qabsoon Ammaa Karaan irra Bu’e Jiru, Qabsoon Nagaa Kun Ija Argamsiisuu Danda’a Jedha ADOn

  • Tuujubee Horaa

Leencoo Baatii,Dubbii himaan ADO

Xumura torban darbee Addi Dimokraatawaa Oromoo haala yeroo ammaa Oromiyaa keessa jiru ilaalchisuun ibsa baasee jira.

Dubbi himaan dhaabichaa Obbo Leencoo Baatii qabiyyee ibsa sanaa ennaa nuuf ibsan ajjeechaa yeroo ammaa ni balaaleffanna,qabsoo uummati keenya karaa nagaan bilisummaa isaa gonfachuuf geggeessu ni deggerra jedhan. Tarkaanfiin gara jabinaa mootummaan uummata irratti fudhataa jiru immoo qabsoo kana boodatti hin deebisu jedhaniiru.

Qabsoo uumamtaa kana galmaan ga’uuf illee tokkummaan jarmayoota Oromoo barbaachisaa dha jechuu dhaan dubbi himaan Adda Dimokraatawaa Oromoo obbo Leencoo Batii nuuf ibsaniiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Guutummaa gaaffii fi deebii Obbo Leencoo Baatii wajjin geggeessamee dhaggeeffadhaa