Hiriira Oromiyaa Magaalaa Golgootaa,Hiddii-Lolaa,Dolloo Mannaa,,Daaroo Labuutti Bahanii fi Deebii Bulchoota Naannoo

  • Jaallannee Gammadaa
    Tuujubee Horaa

Mormii Oromiyaa, Guraandhala 2016

Godina Baale magaalaa Dolloo Mannaa keessatti Sambata dhufu hiriira ba’uuf mariin akka jiru bira ga’amee waraanni biyyatti barattoataa fi uummata magaalaa keessa deemu qabanii reebicha irraan ga’aa akka jiran jiraattonni dubatanii jiru.

Roobii galgalaa jalqabee dargaggotaa fi kanneen biroos mana isaanii keessaa seenanii harkisanii baasuun kan dhaananii fi hidhan ta’uu jiraattonni dubbatanii jiru. Reebicha irra ga’een kanneen mana yaalaa seenanii wal’ansa argataa akka jiran dubbatan.

Itti aanaa bulchaan magaalaa Dolloo Mannaa Obbo Ashanaafii Haayiluu hiriirri mormii akka turee fi rakkoon akka mudate ibsanii jiru. Garuu humna kamiin iyyuu tarkaanfiin fudhatamee hin jiru, ijoollee wajjiin marii gaggeessinee rakkoon furameera jedhan.

Godina Arsii Bahaa aanaa martii magaalaa Goolgotaa keessatti miseensa Dhaabbata Dimokraatawaa Uummata Oromoo kan turan fi bulchaan ganda Waxichaa Dolee kan turan Obbo Gabii Badhaasoo torban darbe aangoo eega gadhisanii booda humna nageenyaan butamanii fudhatamuu jiraattonni ibsanii jiru.

Obboo Gabiin gara Adaamaatti sana booda immoo gara Finfinneetti geessamuun Roobii kaleessaa fi Kamiisa har’aa mormii kaasisee jedhu jiraattonni.Mormii gaggeeffameen dargaggonni shan qabamanii mana hidhaa Abboomsaatti ergaman jedhu. Bulchaa magaalaa Golgootaa Obbo suulxaan Huseenii fi bulchaan aanaa martii Obbo Wadoo Mannaa deebii akka kennan kan gaafataman ta’uus fedhii hin agarsiifne.

Jiraattotii godina Booranaa aana Miyoo magaala Hiddii-Lolaa hardha barattootan walti dabalamanii magaalaa isaanii keessatti hiriira bahanii rakkoo jedhan himatan.

Akka warrii Hiddii dubbifne jedhutti ummatii ganamaanuu magaala keessatti hiriira bahee;Mirgii abbaa biyyummaa haa nuu mirkanaahuu,ka hidhame haa bahuu,ka ijjeefameef gumaan haa bahuu jedhee gaafate.

Poolisiin ammoo akka jiraattotii jedhanitti nama hiriira bahe kaan hidhaa,kaan dhaanaa, kaan gaazii imimmaan ilaa nama ooftu itti afuufe.

“Barattoota yuniverstii baratan dabalee nama 10-15 tahutti hidhamee arge,” jedha namii maqaa himachuu hin fedhin tokko.Bulchaan aanaa Miyoo,obboo Jemberuu Aberraa hujii Finfinnee deemee oduu qulqullittii qabaachuu baadhullee barattootatti seera malee hiriira bahan jedhan jedha.

Jiraattotii godina Booranaa aana Miyoo magaala Hiddii-Lolaa hardha barattootaan walti dabalamanii magaalaa isaanii keessatti hiriira bahanii rakkoo jedhan himatan.

Akka warrii Hiddii dubbifne jedhutti ummatii ganamaanuu magaala keessatti hiriira bahee;Mirgii abbaa biyyummaa haa nuu mirkanaahuu,ka hidhame haa bahuu,ka ijjeefameef gumaan haa bahuu jedhee gaafate.

Poolisiin ammoo akka jiraattotii jedhanitti nama hiriira bahe kaan hidhaa,kaan dhaanaa, kaan gaazii imimmaan ilaa nama ooftu itti afuufe.

“Barattoota yuniverstii baratan dabalee nama 10-15 tahutti hidhamee arge,”jedha namii maqaa himachuu hin fedhin tokko.

Bulchaan aanaa Miyoo,obboo Jemeberuu Aberraa hujii Finfinnee deemee oduu qulqullittii qbaachuu baadhullee barattootatti seera malee hiriira bahan jedhan jedha.

Godina Harargee Lixaa aanaa Daroo labuu magaalaa Milqaayee keessatti har’a hiriirri mormii guddaan geggeessamee nagaan xumuramuu jiraattonni nuuf ibsanii jiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa guutuu armaan gaditti dhaggeeffadhaa.