Maqaleetti Baajaajonni Seera Haaraa mormuudhan Hojji Dhabaniiru

Namoonni oggaa baajaajii konkoolaataatti fe'an, Markaatoo, Finfinnee (Faayilii)

Kaleessa bitooteessa 23, Tigraay magaala Maqaleetti Baajaajonni seerra haaraa bahe mormuudhan hojii dhaban, harras hojitti hin deebine. Serri kun baajaajonni taapeellaa maxanfachuu fi sagantaa dabaree eggatanii hojjachuu gaafaata.

Namoonni hojii kanaan jiraatan akka jedhanin qajeelchamnii amma bahe kun koontiraata dabalatee gara hojjin oo’aan jiru deemanii akka hojii hin funaannanne isaan godha. Galiin akkanatti argatan immo gadi bu’a ta’a jechuudhan himatan.

Magaalichatti itti gaafatamaan Wajjira Ijaarsaa, Karaa fi Geejibaa obboo Mahaarii Gabrahiwoot garu “baajaajonni hojii dhaabuu isaanii odeeffanoon nan geenyee, rakkoo geejibaa sababa kanaan gahees hin jiru, ta’us shofeeronni fi abboonni qabeenyaa baajaajii seeraa fi qajeelfama wajjirri isaani baasu kabajani tajaajila kennutu irraa eegama” jedhan.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa sagalee.