Harargee Bahaa Aanaa Qumbii magaalaa Mi’oo Keessatti Haleellaan Raawwate Lubbuu Hedduu Galaafate: Jiraataa Magaalattii

  • Tuujubee Horaa

Jiraattotii Harargee Bahaa Liyyuu Poolisiin nama nurraa fixee jedhu

Godina Harargee bahaa aanaa Qumbii magaalaan Mi’oo kaleessa ganama barii humnoota “Liyu Haayil” jedhaman kanneen naannoo Somaalee irraa dhufaniin weeraramuu jiraattonni mgaalattii ibsanii jiran.

Sababaa walitti bu’iinsa daangaa irraan kan ka’e kana dura lubbuun namaa darbuun illee gabaasamaa ture. Haleellaan kaleessaa poolisii dabalatee lubbuu lammiiwwanii galaafate jedhu jiraattonni.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa illee jaarsolii naannoo walitti waamuu dhaan rakkoon daangaa kun haala ittiin furamuun danda’ama jedhe irratti torbee marii geggeessame TV Oromiyaa gabaasee jira.

Humnoonni naannoo Somaalee irraa dhufan kun ennaa magaalatti weeraranitti suuqiiwwan namaa cabsanii qabeenyaa saamuu illee jiraataan kun dubbataniiru.

Bulchitoonni naannoo ennaa haleellaan sun raawwatetti konkolaataa dhaan maatii isaani qabatanii gara aanolii hollaa jiranitti bqatan, magaalaan Mi’oo uummanni waan keessaa baqataa jiruuf jecha ona taateetti jedhu jiraataan kun.

Your browser doesn’t support HTML5

Jiraattotii Harargee Bahaa waraanii Liyyuu poolis nama nurraa fixe jedhu