Haasawa Pirezidaant Tiraampi Xiinxaltoonni Akkamitti Ilaalan?

  • Namoo Daandii

U.S. President Donald Trump delivers his first address to a joint session of Congress

Pirezidaantiin Yunaayitid Isteetis, eega taayitaa qabatanii haasawa jalqabaaf mana-maree yokaan Kogresii Yunaayitid Isteets duratti daheessaniin, adda-addummaa fi wal-qoodinsa siyaasaa biyyattii keessatti uumame araarsuutti fuuleffatan agarsiisa, jedhu – xiinxaltoonni.

Kan Teksaas, Irviing jiru – Yunivarsitii Daalaasitti, poroofeesara barnoota dinagdee ka tahe, Mohammed Xaahiroo akka jedhutti, Prezidaantichi, jalqabuma haasawa isaaniitti, waa’ee Guraandhalaa - baatii seenaa gurraachota Ameerikaa yaadachuun jalqabuun isaanii fi waa’ee namoota bakka awwaalchaa Yuudotaa mancaasanii dubbachuun isaanii, mormii isaan irra ture qabbanbeessuutti ka fuuleffatan ta’uu agarsiisa.

Waa’ee dinagdee, waa’ee imaammata immigireeshinii yokaan lammiwwan alaa gara Ameerikaatti imalanii, waa’ee baajeta ittisa biyyaa, waa’ee imaammata isaanii biyyoota alaa fi ka biroo irratti ibsa nuuf kennaniin jiran – Proofeesar Mohammad Xaahiroo.

Your browser doesn’t support HTML5

Haasawa pire.Tiraampi Kongireesii Amerikaa irratti