Loltoonni Itiyoophiyaa Magaalaa Somaaliyaa Gad Dhiisan Al Shabaab Magaalattii To’ate

Loltoonni Itiyoophiyaa Magaalaa Somaaliyaa Gad Dhiisan Al Shabaab Magaalattii To’ate

Loltoonni Al Shabaab meeshaa guddaa hidhatan erga loltoonni Itiyoophiyaa waraana biyyoolessaa Somaaliyaa lakkoobsaan xiqqoo ta’an deggeraa turan gad dhiisanii ba’anii booda magaalaa El Bur-n to’atanii jiran.

El Bur qabamuu kan mirkaneesan komiishinera magaalattii Nur Hasan Gutaalee yoo ta’an warren Itiyoophiyaa maaliif gamas dhiisanii akka ba’an hin dubbanne jedhan.

Warreen Itiyoopioyaa fi loltoonni Keenya loltoonni keenya magaalattii dhiisanii ba’an. Amma magaalattiin harka finxaaleyyii jala jirti. Loltoonni Itiyoophiyaa karoora isaanii gamasii ba’uu hu hin beeksisne. Isaan basanaan loltoonni keenyas dhiisanii ba’an jedhu komiishinerri magaalattii Nur Hassan Gutalee.

Jiraattonni magaalaa El bur akka jedhanitti finxaaleyyiin al-Shabaab lola tokko malee ganama kana konkolaataa dhaan magaalattii seenanii ba’aa turan.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

Your browser doesn’t support HTML5

Loltoonni Itiyoophiyaa Magaalaa Somaaliyaa Gad Dhiisan Al Shabaab Magaalattii To’ate