Kiristiyaanoo Ronaaldoo faatii Juventuus jaanjessuma jaanjessanii goolii afur itti guuranii waancaa Awurooppaa irraa fudhatanii galtaniin

Britain Soccer Champions League Final

Ronaaldoon hin mirrsee,goolii lama keessa buufate,lama galfate.Kasemiiroo fi Maarkoon ammoo golii tokko tokko irra buusanii Riyaal Maadriid Juventuus 4-1 irraa galchitee shaampiyoonaa waancaa Awurooppaa taate Oolee! Oolee! dhahachaa galte.

Shaampiyoonaa Awurooppaa 2017,Riyaal Madriid

Ronaaldoon goolii qaraa daqiiqaa 20essoo irartti keessa buufate,Kasemiiroon ammoo daqiiqaa 61essoo irratti tokko itti dabale. Ronaaldoon ammallee daqiiqaa 64eessoo irratti tokko irra buuse. Adoo suniif eeganuu Markoon taphi dhumachuu geennaan daqiiqaa 90eessoo irratti tokko itti cuqqaalee Juventuus mataa buusaa Riyaal Madriid ammoo sirbaa qahee ufiitti galte.

Ronaaldoon tana waliin marroo afur waancaa Awurooppaa moo’e sadii Riyaal Maadriidiif tokko ammoo Yunaaytidiif moo’e.

Manaajera Riyaal Madriid Zinaddiin Ziidan akkana baatan

Ronaaldoon dhalootaan Poortugaal nama ganna 32ti lakkoofsa 7 keeyyatee dura taphataa mindaa isaa ganna dabree gannatti euro mliyooa 32.

Ronaaldoon nama ganna 32 lafkkoofsa 7 keeyyatee dura taphata tapha 139 keessatti goolii 105 galafte.Mindaan isaa bara 2016 keessaa euro miliyoona 32ti.Yoo taphaaf diree seenee miilii isaa dhaba hin galu.

Ummatatti akkan bahee Riyaal Madriid simata

Woyichi Ishtireensinee,namichii Arsenaliif goolii eegu kaan kilabii Juventuusitti galuuf kurfoo jira.Nama kana euro miliyoona 14tiin kontoraata ganna 4f bitatan.

Atileetikis

Itoophiyaan dorgommi atileeetiksii ji’a lamaan duubatti Londonitti dorgomaniif atileetota filattee qixeeffachuutti jirti.

Maratooniif Qananiisaa Beqqelee,Taammiraati Tolaa fi Tsegaayee Taaddesee fa filatte.Dubaraan ammoo Birhaanee Dibaabaa, Xurunesh Dibaabaa,Shuree Demisee fi Maaree Dibaabaa fa filatan.

Dorgommiin London metirii 800 haga metirii 10,000 jara hafellee filuutti jiran.

FIFA U-20

Kaameruunii fi Amerikaa FIFA U-20 2013 REUTERS/Amr Abdllah Dalsh (EGYPT SPORT SOCCER) - RTXP39L

Dorgommii kubbaa Miilaa Addunyaa Ijoollee ganna 20 gadii U-20 itti jiranii Afrikaan ya keessaa galtee warrii hafe walumatti jira.Giinii Arjentiinaatti goolii 5-1 itti naqee dorgommii keessaa galche.

Xaliyanaa fi Jappaana ammoo Afrikaa Kibbaa goolii lama lama itti guuranii dorgommii keessaa oofan.Meksikoon ammoo Senegaal 1-0 galchite.Chipolo pooloo Zaambiyaa ammoo Xaliyaanaatti 3-2 afaan qabsiise.

Dorgommii kubbaa miilaa ijoollee ganna 20 gadii U-20 biyya 16 jalqabee amma ammoo matoota kubbaa miilaa addunyaatti walti hafe.Uraagaay fi Venezuheelaa,Xaliyaanaa fi Ingilaandi.

Ingilaandi ganna 24 keessatti takkuma akkana biyya 4n dorgommii tanaaf walti hafan hin taane.

Dorgommii kubbaa miilaa ijoollee addunyaa tun guyyaa 6n duubatti Kooriyaa Kibbaa keessatti dhumatti.