Atileetootii Itoophiyaa Dorgommii Daragaggoota Afrikaatiif filataman Aljeeriyaa yaa’uuf karaa jiran

Itoophiyaan Dorgommii Dargaggoota Afrikaatiif f nama 56 Aljeeriyaatti ergatte

Your browser doesn’t support HTML5

Dorogmmii Atileetota Afrikaa

Dorgommiin atileetota Afrikaa tun 13essoo Waxabajjii 29-Adoolessa 2,2017 Aljeeriyaatti wal dorgoman. Ijoollee ganna 19 gadiitti irratti wal dorgomaa gosa ispoorti hedduu irratti wal dorgoman.

Akka jecha Leenjisaa Faxxanaa Taaddasaatti atileetotii tun guyyaa 20 leenjifamanii nama 1-3 bahetti filatamee dorgommii tanaaf qophaahe.

Leenjistootallee dabalee nama 56 tahutti dorgommii tanaaf Aljeeriyaatti dabre.

Jarii kun dorgommii Dargaggoota Addunyaa ji’aan duubatti Londonitti dorgomaniif ufi qopheessa.Namii achi irratti sadarkaa dansaan moo’ate dorgommii Londoniif filatama.

Jarii Itoophiyaan waliin dorgomuuf mataan wal qabe Keenyaa,Ugaandaa fi Aljeeriyaa fa’a.Dorgommii tana fiigicha,ulee,kutuu,xiloo darbachuu fi gosa hedduu irratti wal dorgoman.

Atileetoitii tun hagii guddaan naannoo Oromiyaatii filatamani.Leenjii dansaa fudhatanii qilleensii Aljeeiryaalleen akka malee oowwuu baatullee hinuma owwaa taatullee hedduu keessa waan hin turreef hinuma dandahanii jedha leenjisaa Faxxanaan.

Koloneel Daraartuu Tulluu faatti atileetota dorgommii yaatu akkana jajjabeessa

​Ijoollee dorogmmiif yaahan tana kololneel Daraartuu Tulluu fi Hayilee G/ Sillasee fa dabalee nama hedduutti itti dhufee jajjabeesse.