Poolisiin Sawudii intala gaaltama soqolee keeyyattee lafa namii itti gobbatutti viidiyoo kaaftee interneetii irra baaftu tokko qabdee hiite

Sawudi fi poolisii

Poolisiin Sawudii intala gaaltama soqolee keeyyattee muuziyeemii nama heddun daawwatu keessa deemaa viidiyoo kaaftee interneetii irratti dabarsitu tokko qabdee hiite.

Akka oduu TV Al Ekhbariyaatti inaltii tun lafa namii itti gobbatee wa daawwatu hedduu heddun bahee daawwatuu fi seenaa hedduu qabaachuun beekamtu Ushaiqer keessa soqolee dachaafattee wayaa harkaa gabaabattu t-shirt diqqoo tokko ufi irra buufatte deemti.

Viidiyoo sunillee Snap chat irratti maqaa ‘Model Khulood’ jedhu irratti baafte.

Dhaabii YouTube faati achi irraa fudhatanii addunyaan achumaan wal irraa fuutee waliin geette.

Namii hagii tokko Sawudiitti nadheen akkana taatee mirga ufii deeffattu malee hin taatuuyyuu jedhaa.

Hagii tokko ammoo warri akkana yaahu kun ka ceeraa fi fokko dhabee aadaa Islaamaallee balleessu jedhaan.