Koriyaan Kaabaa Mariif Qophee Ta’uu Misaayilaa Dhukaasuu Dhaabuun Deebii Kennuu Qabdi

Kooriyaan kaabaa mariif qophee ta’uu isee kan ittiin mul’istu tarkaanfii gaariin yaalii misaa’ilaa dhaabuu dha jechuu dhaan ministriin dhimma alaa US Rex Tillersoon beeksisan.

Yeroo isaan yeroo dheeraaf misaayila lafa fagoo dubbii tuqachuuf hin fuguggisne hin turre. Kanaaf kun deebii cimaa isaan nuu deebisuu danda’an jedhee yaadu misaayla

Tillerson kana kan dubbatan manila bakka wal ga’ii waldaa biyyoota Asia kibba gama bahaa irratti hirmaatan irraa ti.

Sanbata darbe golli naga eegumsaa sagalee guutuu dhaan uggurri koriyaa kaabaa irra akka kaa’amu murteessuun guutummaan hawaasa addunyaa tarkaanfiin biyyattiin fudhattu fudhatama akka hin qabne hubachuu mul’isa jedhan. kan eegamus odolattii Kooriyaa meeshaa nukleraa hiikkachiisuu dha jedhaniiru.

Kooriyaa kaabaa har’a uggura kaa’ame kana balaaleffattee jirti. USn ijaa ba’uuf misaayila itti dabalaa kan fuguggiftu ta’uu dhaadachuu dhaan sagantaa ishee nukleraa uggurri dhaabsisu kamuu hin jiru jechuun ejjennoo ishee cimsitee jirti.