Abbaan-alangaa Mootummaa Speeyin Aangawoota Kaatalaan Himachuufi

  • VOA

Pireezdaantii Kaatalaan, Kaarlas Puyijemoont

Abbaan-alangaa mootummaa kan Speeyin, himannaa gantummaa fi finciltummaa aangawoota Kaatalaan taayitaa irraa buusaman irratti dhiheessuuf qophaa’uu isaanii dubbatu.

Abbichi-alangaa – Hoosee Maanu’eel Maazaa, waa’ee Katalaan Speen irraa adda-bahuu yokaan waa’ee walabummaa Katalaan dhiibbaa gochuu isaanii ilaalchisuun, gochaa maallaqa seeraa-ala fudhachuutiin kan hoogganoota Kaatalaan sana himachuuf jiran ta'uus dabalanii dubbatanii jiran.

Paartiin walabummaa Katalaaniif falmaa jiru immoo, ka mootummaan Speeyin eega paarlaamaa Katalaan diigee booda, filannoo hiree-murteeffannaa ka biraa Mudde dhufutti beellametti kan hirmaatu labsee jira.

Mootummaan, kutaa Speeyin irraa adda bahuuf deemti – jedhamtu – Katalaan akka guutummaatti to’atu eega labsee torban tokko ta’ee jira.