Hoogganaan Kataaloon Himannaan Irratti Dhiyaate

  • VOA

Abbootiin alangaa mootummaa Spin kan torban kana Brussels keessa turanii fi ajaja mana murtii Madrid fudhachuu didan hoogganaan Catalan Carles Puigdemont ilaalchisee ajaja hidhaa darbe warri Awrooppaa akka hojii irra oolchan gaafataniiru.

Hoogganaan duraanii kan kutaa Spin Catalonia kun himannaa irratti dhiyaate kaka’umsa siyaasaatu jechuun fudhatama dhabsiisanii kan Spinitti deebi’an yoo adeemsi seeraa loogii irraa walaba ta’eef kan haqaa jiraachuuf mirkanuu argatan qofa ta’uu dubbatan.

Gama biraatiin immoo gareen hooganoota Catalan ka biroon kanneen finciltummaa, biyya ganiinsaa fi maallaqa seeraan ala deddeebisuu akksumas Catalonian akka walaboomtu dhiibbaa gochaa turan jedhamuun himannaan irratti dhiyaate mana murtiitti dhiyaachuun gaafatamaniiru.

Abbootiin alangaa Puigdemont fi itti aanaa isaanii Oriol Junqueras dabalatee hoogganoota Catalan 14 irratti himannaa dhiyeessanii jiru.