Gaazexeessaa fi Walaleessaa Solomon Dheeressaa ya lubbuu dhabe

  • VOA

Solomoon Dheeressaa

Solomoon Dheeressaa nama walaloo fi kitaaba barreessuun beekan.Bara 1980 jalqabee Amerikaa jiraata. Asumatti barumsa herrega mataa Philosophy baratee yuniversitii Amerikaatti Minisoota damee amantii barsiisa.Solomoon Wallaggaatti dhalate.

Akka obboleessii isaa diqqaan, ambaasaadder Birhaanu Dheeressaa jedhutti gaazexeessaa Solomoon fayyaa dhabee ji’a torba ciisee kalee ganna 80-tti Minisootumatti lubbuu dhabe.

Yaadannoo sagantaa tokko yuniversitii Minisootaa keessatti bori,Sadaasaa 5, 2017 qopheessaniif.Solomoon obbooleeyyanii fi ijoollee akaakuu hedduu qaba.Wallaggaatti dhalate.