Mana-murtii Haqaa Sadarkaa Addunyaaf Abboota Murtii Afur Filataman

  • VOA

Gumiin walii-galaa ka Tokkummaan Mootummootaa fi Golli Naga-eegumsaa Tokkummaa Mootummootaa – qaama murtii haqaa jaarmayicha addunyaa ka tahe – Mana-murtii Haqaa Sadarkaa Addunyaaf, kaleessa abboota-murtii afur filatanii jiran.

Qaamonni Tokkummaa Mootummootaa lameen, filannoo qofa qofatti, garuu yeroo tokkotti geggeessaniin, lammii Faransaay – Roonii Abrahaam, Lammii Somaaliyaa – Abdul-qawwii Ahmed Yusuuf Afrikaa keessaa filatan.

Abboota murtii ka biroo lama immoo, Augustoo Kankaadoo Trindaad – Braazxil irraa, Nawaaf Salaam immoo Libaanon irraa filatan.

Abbootiin murtii afuranuu, Guraandhala dhufu kan hojii jalqabuuf jiran yoo tahu, waggoota sagaliif hojii kana irra turan.

Bara 1945 kan hundeessame – Manni-murtii Haqaa Sadarkaa Addunyaa, ka Tokkummaa Mootummootaa -- jaarmayicha addunyaa keessatti qaama murtii seeraa isa ijoo yoo tahu, seeraa sadarkaa Addunyaa irratti hundaa’uudhaan wal-falmii biyyoota gidduutti ka’ee itti dhihaatutti furmaata kenna. Gaaffiilee qaamota tokkummaa mootummootaa fi dhaabbatoota ka biroo irraa gaaffiilee itti dhihaataniifis deebii gorsaa kenna.