Kan Hojii Irraa Ari’ataman Gorsaan Naga Eegumsaa Biyyooleessaa Haqa Isaaniitu Jal’ate:Traamp

  • VOA

Le président Donald Trump, à gauche, plaisante avec le général à la retraite Michael Flynn lors d'un rassemblement à l'aéroport régional de Grand Junction au Colorado, octobre 2017.

Prezidaant Donaald Traamp gorsaan isaanii naga eegumsa biyyoolessaa duraanii Michael; Flynn qorattoota kanneen dhiibbaa Raashiyaan filannoo bara 2016 irratti qabdu ilaalchisee haqaan hin ilaalamne jechuun kaleessa dubbatan.

General Flynn-f baay’een gadda jechuun tuutaa oduuf ibsan Traamp. Jireenya cimaa dabarsan kanaaf hedduun gadda jedhan.

Flynn Biiroo qorannaa Federaalaa FBI baatii Amajjii keessa UStti ambaasaaddora Raashiyaa waliin wal argan yoo ta’e gaafateenii wal argee hin qabnu jechuun kijibuu isaanii amanan.

Mariin isaanii sun illee prezisaanti Traamp kakatanii aangoo qabachuu isaanii torban hanga tokko dura ture.

Prezidaant Traamp Flynn FBI kijibuu isaanii yaada mormituun isaanii Hillary Clinton ennaa waa’ee email isaanii dhuunfaa hojii mootummaaf gargaaramuu dhaabichaan gaafataman waliin wal qabsisian.

Hillary Clinton yeroo hedduu FBI kijiban garuu waan irra ga’e hin jiru, Flyn ni kijiban jireenya isaatu bade. Kun nama qaanessa jechuun Traamp kaleessa gara kutaa Utahtti utuu hin imalin tuuta oduuf ibsa kennan.