Hiyuumaan Raayits Watch: Poolisoonni Keeniyaa Dubartoota Hedduuu Gudeedan

  • VOA

Bara kana yeroo filannoon Keeniyaa keessatti geggeessametti poolisoonni Keeniyaa dubartoota hedduu humnaan gudeeduu isaanii fi namoota hidhannoo hin qabne hedduu irratti haleellaa geggeessuu isaanii gareen mirga dhala-namaaf falmu – Hiyuumaan Raayits Watch gabaasee jira.

“Keeniyaa keessatti dubartootaa fi durboota hedduu irratti hookkara saalaa hedduu tu geggeessame. Dhiirota irratti illee hookkarri quunnamtii saalaa geggeessamee jira.” – jedha gabaasaan haaraan, har’a, garee mirga dhala-namaa Addunyaan bahe kun.

Hiyumaan Raayits Waachii fi gurmuuleen mirga dhala-namaa ka biroon, poolisoonni Keeniyaa humna gitaa olii geggeessuudhaan ajjeechaa, reebicha, qaama namaa kukkutuu, saamichaa fi qabeenyaa barbadeessuu geggeessuu isaanii – ragaa harkaa qabna, jechaa jiran.

Abboota-manaa fi ijoollee durbartoota sanaa irratti dararaan geggeessamuus, gabaasaan Hiyumaan Raayits Wach dubbatee jira.

Hoogganaan Poolisii Keeniyaa – Jooseef Booneet, gabaasaan kun, guutummaatti gabaasaa dharaa ti, jedhanii, akka gurmuun mirga dhafla-namaa “Hiyumaan Raayits Wach”, himannaalee isaa kanaaf gabaasaa ragaa dhiheessu gaafatan.

Gabaasaan kun, kanneen hookkarri quunnamtii-saalaa nu irratti geggeessame, jedhan - dubartoota 65, durboota 3 fi dhiirota 3 waliin gaaffii fi deebii geggeessame irratti hundaa’uun qindeessame.