Iraan Keessatti Hiriira Mormii Geggeessame Irratti Namoota Kudhantu Du’an

  • VOA

Sabaa himaan Iraan hiriria mormii farra mootummaa geggeessameen halkan edaa namoonni kudhan du’uu gabaasee jira. Prezidaant Hassan Rouhani immoo humnootiin nagaa eegsisan kanneen jeeqama kaasanii fi seera cabsan irratti tarkaanfii ni fudhatu jechuun dhaadatan.

Haala dinagdee biyyattii keessaa akkasumas haala Siiriyaa, Iraaq fi Yemen keessaa akkasumas Saaud arabiyaan naannoo sana irratti dhiibbaa qabaachuuf lola geggeessamaa jiru ilaalchisee momitoonni dhibbaan laka’aman to’annaa jala oolaniiru.

TV biyyattii akka gabaasetyti hiriirtonni mormii hidhatan hangi tokko buufataalee fi maadheelee waraanaa hanga tokko to’achuuf yaalaniiru, garuu dura dhaabbannaa humnootii nagaa eegisisan cimaatu isaan mudate jedhee jira.