Al Shabaab Somaaliyaa Keessatti Nama Shan Ajjesee

  • VOA

Namoota shan kanneen mootummaa Somaaliyaa akkasumas humnootii Keniyaa fi Itiyoophiyaaf basaasuu ittiin jedhe Al-Shabaab ajjesuu isaa aangawoonni mootummaa Somaaliyaa ibsanii jiru.

Dhiironni shanan kutaa shabalee isa gad aanuu magaalaa Kuntuwarey keessatti Al-Shabaab itti dhukaasuun ajjesee.Shananuu uummata keessaa yoo ta’an Kibxata kaleessaa galgala ajjefamuu isaanii komishinarri konyaa ollaa kan Barawee Adan Omar ibsanii jiru.

Raadiyoon Al Shabaab abbaan murtii akka ajjefamaniif ajaja yeroo kennu sagalee isaa dhageesisee jira.Garu yakka irratti dhiyaate ragaan dhugoomsu tokko hin turre jedhan Omar.

Jarreen shanan waggaa haaraa reefuu seenuu kana keessatti al shabaab dhukaasee yeroo ajjesuu jiraattonni naannoo 500 ta’an ilaalaa turan.