Haagganaan Garee Mormituu Zimbaabwee Balaa Hilikoopteraan Du’an

  • VOA

Angawoonni US balaa helicopteraa hoogganaa garee mormituu Zimbaabwee Roy Bennett fi haadha warraa isaanii namoota ka biroo sadii waliin galaafatee qorataa jiran.

Poolisiin akka jedhetti helikoopterittiin roobii halkan ganda baadiyyaa gaarreeniin marfame kutaa kibba gama dhiyaa New Mexico daangaa kutaa Colorado cina jiruttu kuftee caccabde.

Balaa sanaan namni balaan madaa’uu irra ga’eef lubbuun hafetu gargaarsa waammate.

Bennett haadha warraa isaanii waliin maaliif gara New Mexicotti imalaa turan hin beekamin jira.

Kan umuriin waggaa 60 Bennett nama hiyyeeyyii gargaaruuf falmanii fi momrmituu prezidaan Roobert Mugaabee kan xumura waggaa darbee aangoo irraa buufamanii turan.