Haleellaan Boombii Liibyaa Keessaa Lubbuu 30 Ol Galaafate

  • VOA

Liibiyaa bangaazii keessatti haleellaan boombii kaleessa bakka lamatti raawwate yoo xiqaaate namoota 33 galaafatee kanneen biroo 12 ta’an madeessee jira.

Boombiin inni jalqabaa masjiida ganda al-Salmani keessa jiru cinatti kan dho’e yoo ta’u inni lammataa immoo adda addummaa daqiiqaa soddomaan bakkuma wal fakkaatutti kan dho’e yoo ta’u yaaliin godhame poolisii fi hojjettoota baraarsaa ajjeesuuf ture.

Haleellaa sanaaf battala itti gaafatama kan fudhate hin jiru.

Gurmuun tokkummaa mootummootaa kan Liibiyaa keessaa haleellaa sana balaaleffachuu dhaan haleellaan siivilota irratti raawwatamu seera sadarkaa addunyaa cabsuu dha jedhee jira.

Bengaaziin waggoota sdiif bakka lola hamaan garee leellistotaa fi humnootii hoogganaa waraana Liibiyaa Kaliifaa Haftar gidduuti itti geggeessamaa tue. Haftaar magaalattiin waggaa darbe walaboomuu isaa labsanii jiran.

Liibiyaan erga hoogganaan biyyattii yeroo dheeraa Moammar Gaadaafiin bara 2011 aangoo irraa fonqolchamuun ajjeefamani as jeeqamaan raafamaa jirti.