Cabaa Misaa’eela Iraantu Yaman Keessaa Argame Jetti Amerikaan

  • VOA

Golli naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummotaa Wiixata har’a prezidaant Yunaaytid Isteetes Traamp waliin wal arguun waa’ee cabaa misaa’eela Iraan argamee jedhame irratti dubbatu.

Cabaa misaa’eela Iraan guddaa kan fageenya giddu galeessaa furguggifame maadhee waraanaa kan Waashingtoon keessa jira jechuun Tokkummaa Mootummotaa tti Ambaasaaddarri Amerikaa Nikii Heelii tuuta oduuf ibsan miseensonni gola naga eegumsaa ilaaluuf carraa argatu.

Heeliin baatii Muddee darbe akka ibsanti meeshaan waraanaa argamee kun Iraan seeraan ala Riphxee looltoota Huttii Yaman keessaa hidhachisuu isheef ragaa haaluun hin danda’amne jedhan.

Misaa’eelli kun Iraan keessatti hojjatamee gara hidhattoota Huttii kanneen yaman keessatti eega ergamee booda dirree xayyaaraa uummataa kan saawuud Arabiyaa jiruutti dhukaafamee jedhan.