Vilaadmiir Puutiin: Yunaayitid Isteets  Maqaa Lammiilee Raashiyaa Bebbeekkamoo Maxxansuun 'Tarkaaffii Jibbaati'

  • VOA

Prezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin, Yunaayitid Isteets maqaa namoota dhibba lamaa fi kudhanii, kanneen hidhata jabaa ka qabeenyaa fi siyaasaa mootummaa Raashiyaa waliin qaban jette tarreessitee baasuun ishee tarkaanfii lolaa ti – jedhanii, garuu deebiin hatattamaa biyyi isaanii kennitu akka hin jirre dubbatanii jiran.

Raashiyaan dhimma filannoo Yunaayitid Isteets dabree keessa harka galfachuu ishee adabuuf jecha murtii seeraa Hagayya bara dabre irratti hundaa’uudhaan Ministarri Maallaqaa, kan Yunaayitid Isteets – har’a maqaa namoota sanaa fi hidhata isaan Kireemiliin waliin qaban tarreessee baase.

Prezidaantiin Yunaayitid Isteets, garaa hiraa seericha irratti mallatteessan. Akka aangawoonni Yunaayitid Isteets jedhanitti, ammaaf uggura dabalataa Raashiyaa irra kaa’uuf karoorri lafa kaayame hin jiru.