Kanneen Akka Dhiifaman Gad Lakkisaman Mootummaan Ajajeef Keessaa Hidhamtoonni Bebbekamoon 3 Dhiifama Gaafachuu Didan

  • VOA

Iskindir Neggaa fi Anduhaalem Arraagee

Your browser doesn’t support HTML5

Gaazexeessaa Iskindir Neggaa fi obboo Anduhaalem Arraagee faatii dhiifama gaafachuuf mallateessanii hidhaa bahuu didan

Ka yeroo dheeraaf mana-hidhaa turan - gaazzexeessaa fi bllogeriin yokaan barreessaan interneetii irraa – Iskindir Naggaa fi hidhamtoonni beekamoon ka biroon, akka xalayaa dhiifamaa mallatteessanii hiikaman kan mootummaan dhiheesseef fudhachuu didan.

Maatiin hidhamtootaa akka jedhanitti, Eskindir Naggaa dabalee sadii, unka yokaan foormii dhiifamaa akka mallatteessan dhihaateef irratti mallatteessuu diduun gara mana-hidhaatti deebi’an.

As Yunyaayitid Isteets keessa ka jiraattu – haati-manaa gaazexeessaa Eskindir Naggaa – Serkaalem Faasil, Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsa kenniteen, Abbaan manaa ishee har’a gara waajiraatti waamamee, akka miseensa dhaaba biyyattii keessatti akka hin sochoone dhorkame, ka Ginboot toorbaa tureetti akka mallatteessu waan gaafatameef, “waanan itti miseensa hin ta’iin hin mallatteessu” jedhee diduu isaa fi gara mana-hidhaatti deebisamuu isaa akka dhageesse dubbatte.

Hoogganoonni dhaaba mormii siyaasaa beekamoon lama – Aanudalem Aarraagee fi Abbebee Qastoos akkasuma, foormii dhiifamaa akka mallatteessan dhihaateef ka mallatteessuu didan ta’uun beekamee jira. Gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa.