Namichi Tibba Darbe Haleellaa Boombitiin Magaala Ameerikaa Takka Shororkeessaa Ture Guyyaa Harraa Boombii Dhoosuun Of-ajjeese

  • VOA

Torbanneen sadan darbaniif halellaalee boombii walitti-aansee geggeessuun namoota fixee, uummata magaalaa Oostin ka kutaa Teksaas shororkeessaa ka ture – namni tokko har’a ganama ennaa poolisoonni qabachuuf itti dhihaatan, konkolaataa isaa keessatti boombii of irratti dhoosuun of galaafatee jira.

Hoogganaan Poolisii magaalaa Oostin– Biriyaan Maanlii akka jedhanitti, qondaalonni magaalattii – nama umuriin 24 kan maqaan isaa Antonii Koondit jedhamu ennaa marsanitti Boombii of irratti dhoose.

Gabaasni kun irra deebi'amee gulaalamee jira. Bakki haleellan itti dhaqqabe Hiyusten odoo hin ta'in Oostini. Maxxansa duraa irrti dogoggora uummameef nu-ofkalchaa. Sireesinee jira.