Traamp Angawaa Sadarkaa Olaanaa Ka bIraa Gaggeessaa jiru

  • VOA

Prezidaantiin Amerikaa Donaald Traamp gorsaa waa’ee nageenyaa kan biyyoleessaa Makimastar nama ka biraan bakka buusuuf akka jiran.

Beeksiisan.Traamp baatilee kudha afuriif aangoo irra yeroo turanti aangawoota sadarkaa olaanaa aangoo irraa yeroo ari’an kun ka dhiyeenyaa ta’u isaati.

Traamp Kamiisa kaleessaa galagala Twitariin akka barreessanti miseensa waraana biyyaa kan ta’an gorsaan waa’ee nageenya biyyoleessaa Letenaa Janaraal Maak Mastar kan bakka bu’an Joon Boltan ta’u ibsan.

Joon Bolton duraan Tokkummaa mootummotaatti Ambaasaaddara Yunaaytid Isteetes kan turan yoo ta’u yeroo ammaa immoo Televiziyoona chichitootaati kan jedhamu Faaks Niwuus jedhamuuf xiinxalaa ta’uun hojjatu.