Yunaayitid Isteets Dippiloomaatota Raashiyaa 60 Basaastummaatiin Baleeleffatte Akka Biyyatti Gadhiisanii Bahan Ajejje

  • VOA

Yunaayitid Isteets, har’a, dippiloomaatota Raashiyaa 60 basaastummaatiin baleeleffatte akka torban tokko keessatti biyyattii gad-lakkisanii bahan ajajjee jirti.

Salisbariii, Biriteen keessatti haleellaa Keemikaala farra-nervii lammii Raashiyaa hojii basaasaa gam-lamatti hojjetaa turee fi intala isaa irratti gaafa Bitootessa toorbaa Raashiyaan geggeessiteef deebii kennuuf – Faransaay, Jarmanii fi Poolaand dabalee, michoonni Yunaayitid Isteets ka biroonis tarkaanfii wal-fakkaataa fudhataa jiran.

Qoonsilaa Raashiyaa Yunaayitid Isteets keessaa cufuu dabalee – tarkaanfiin Yunaayitid Isteets Raashiyaa irratti fudhatte kun, seera uggura meeshaalee keemikaalee fi seera sadarkaa Addunyaa cabsuu isheetiif deebii kennuuf akka tahe dubbate – Ministriin dhimma-alaa Yunaayitid Isteets.

Briteenii fi biyyoonni miseensota NATO tahan ka biroonis, haleellaa meeshaa keemikaalaan geggeessame sanaaf, Raashiyaa balaaleffatan.

Qoonsilaan Raashiyaa, ka Siyaatil jiru – gaaafa Ebla lamaa irraa jalqabee akka cufamu ajajje – Yunaayitid Isteets.