Prezidaant Traamp Tarkaanfii Seeraan Alaatu Hojjatame Jedhu

  • VOA

Waajiira abukaatoo dhunfaa kan prezidaant Traamp Maaykil Kohen isa Neew York keessa jiru fi Hoteela keessa buufate waajirri qorannoo kan Federaalaa ykn FBI weeraruu isaa Traamp har’a balaaleffatanii jiru.

Hojjatoonni FBI waraqaa ajaja sakata’aa kanaaf barbaachisu Wiixata Kaleessaa kan ergan yoo ta’u galmeelee maallaqaa fi kanneen biroo tarii kan hariiroo Traamp fi Kohen gidduu jiru fudhatan.Kunis dubartii taatoo filmii kan qunnamtii saalaa kan taate Stormii Daniels haariroo jaalalaa dhoksaan prezidaant Traamp waliin qabdu akka dhoksistuuf jecha filannoo bara 2016 dura Dolaaraa kuma 100 fi kuma 30 Kohen kenneefii jira isa jedhu ilaaluuf ta’uun beekamee jira.

Dubartiin kun Prezidaant Traamp waliin hariiroo jaalalaa qabaataa akka turte dubbatti.Traamp garu maallaqnii kun isheef kennamuu hin beeku jedhan.Abukaatoo fi nama abukaatoo dhaabbatte gidduu iccitii jiru ragaa dhaddachaa godhanii dhiyeessuun akka hin danda’amne seerri biyyatti ni dhorka jechuun Traamp falmaa jiru.