Wal dhaba daangaa Oromiyaatii fi naannoo Somaaleetiin manneen barannoota Oromiyaa caaccabanii cufaman hagii tokko Baale keessa

Oromia map

Your browser doesn’t support HTML5

Baalee keessaa akka warrii lafaa jedhutti waldhaba daangaa Oromiyaatii fi naannoo Somaaleetiin manneen barnoota 4ti cufame

Akka itti gaafatamaan Biiroo Barannoota Oromiyaa Dr.Tolaa Bariisoo jedhetti wal dhaba kanaan ganna lamaan dabran manneen barnootaa sadarkaaa 1-12 godina Oromiyaa keesaa cufamee, saamamee ykn caaccabe.

Kana keesaa tokko Baalee jedha Dr.Tolaan. Akka warrii Baalee dubbifne jedhetti lolii Liyuu Poolsi Baalee aanaa Saawwenaatii nama hedduu baqachiisee manneen baranootaatii fi ka akimiilleen cufsiise.

Fulaan manneen barnootaa sadarkaa tokkeessoo keessaa cufaman jedhan tokko olloota Burqaa-Dharroo, Qillisaatii fi Jaarraa-Abbayyaa.

Warrii Qillisaa dubbifne Baalee keessaa manneen barnootaa afuritti tanaan cufamee jedha.

Akka jarii Baalee dubbimne jedhetti gandoota Sawweennaa fi olloota isaa keesaa nama kuma 10 caalutti baqate.

Dubbii tana warra lafa bulchu irrallee qulqulleeffahcuuf jennee itti dedeebinee dadhamne.

Namii Qillisaa dubbinfne ammoo ka ufiifuu achii baqatee bahe nama 400 tahu Qillisaa qofa keesaa baqachuu hin ooluu tanaan manneen barannootaa kuta 1-5 lamatti cufame jedha.

Qillsisaan akka warrii lafaa jedhetti duruu handhuraa Oromooti.

“Kanumaaf abbootiin teenna Qillisaa eela eela raayaa wayi qillftuu haadha saayyaa jedhanii weellisan,” jedha.

Walumattuu godina Baalee keesaa manneen barannootaa haga shani tahanitti waldhaba kanaan cufame jedhan.

Godinii Oromiyaa lola Liyuu Poolisiif jedhanii keessatti barachuu dadhaban kana keesaa ijoollee kuma hedduutti barnoota dhabe.

Ijoolleen kuta 10 fi 12 dhiyoo qormaata biyyoolessaa fudhattee ya irraa baate Ijoolleen kutaa 8 dhiyoottuu fudhatti.

Ijoolleen tun lola kanaafuu guddoollee hin baranne taatullee namii tanaa jedhee qormaatii biyyoolessa dabre akka jecha Dr.Tolaatti waan hedduu miti.

Taatullee Mooyaletti ijoolleen adoo barumsa dansaa hin argatin qormaata fudhatan.Ministiri barnootaa akka guyyaa qormaataa duratti hiissaniif jedhullee akka jecha Dr.Tolaatti maatiin ijoollee ammoo akka ilmaan isaanii barachuullee baatan qormaata fudhatan fedhanii fudahciisan.

Godinii Oromiyaa shan waldhaba daangaa Oromiyaatiif jedhanii barumsa dhaban kun lafuma duruu ykn waraanaa ykn ammoo bonaaf jedhanii ijoolleen barumsa dhabdu.

Godinii Booranaa aanaa 14 qabu kun yuniverstii dhiisii koollejjiiyyuu hin qabu. Yuniverstiin Booranaa ta jaaruuf dhagaa yayyabaa dhaabanilleen haga jalqaban jedhanii ji’a hedduu turte.

Koolleejjii horsiisee bulaa takkitti Yaaballotti jaaran jedhanillee eegii ganna dabre ijoolleen galmoofteen duubatti hin taane jedhanii dhiisan. Akka jecha Dr.Tolaatti ammoo Kaabineen Oromiyaa kora torbaan dhufuutti fala kennitiif.