Gilgal Gibee Irratti Ibiddi Ka’e Toannaa Jala Oluun Ibsame

  • VOA

Kibxata har’a ganama keessaa sa’atii tokkoo fi daqiiqaa afurtamii shan irratti Maddii humna eleektrika tamsaasuu kan Gilgal Gibbee tokkooffaa fi lamaffaa gidduu abidda ka’een tiraanisformariin tokko gubachuu beekamee jira.

Waajiira humna eleektriikaa Itiyoophiyaaf Daayreekteera hariiroo alaa kan ta’an Obbo Misikkir Nagaash akka jedhanti abidda kana ituu idoo biraatti hin qabatiin dura to’achuuf hojjatoonni waajirri ittilsa Ibiddaa kan Jimma akkasumas daandiin balalii xayyaaraa fi sivilaaveshinii jimmaa raayyaa ittisaa fi bulchiinsa aanaa sokorruu waliin to’annaa jala oolchuuf carraaqaa akka turan ibsan.Sana booda

Sa’atii torbaa fi walakkaa irratti dhaamsuun danda’amee jira.Kanneen Traansformarii gubatee irraa tajaajiila argataa turan magaaloota Hosa'inaa, jimma, Aggaarroo, Boongaa fi Miizaan Teepii keessatti tajaajiilli elektirikaa kan cite jira.

Kan gubatee iddoo busuun yeroo waan gaafatauuf jecha caasaan elektrikaa jiru wal qabataa waan tureef iddoo biraa irraa tajaajiila elektrikaa cite deebisuun magaalaalee Hosaa’inaa,Jimma, Aggaaroo fi Bongaa keessatti Tajaajiila ture deebisuun danda’amee jira jedhan.Garu Mizaan fi Teepii keessatti hatattamaan akka rgatan ta’a jedhan Obbo Misikir.

Ittiin ka’uumsii ibidda kanaa baatii gannaa akka jiru irraa ka’uun rakkoo tekniikaa mudatee ta’u achii nu ibsame jira jedhan. Badii dhaqqabe ammatti tilmaamuun rakkisaa ta’uus/ gidduu galeessan Doolaara Amerikaa kuma 600 fi kuma 50 akka ta’u tilaamatu jira jedhan.Namaa fi qabeenya biraa irra midhaan dhaqqabe hin jiru jechuun/ obbo misikir Nagaash yaada isaanii xumuranii jiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Gilgal Gibee Irratti Ibiddi Ka’e Toannaa Jala Oluun Ibsame