Ministiriin Dhimma-alaa Yunaayitid Isteetis Godaantota Hittisuuf Loltoota Gara Daangaa Bobbaasufi Jedhe

  • VOA

Ministiriin Dhimma-alaa Yunaayitid Isteetis – Pentaagoon, jamaa godaantootaa biyyoota Ameerikaa giddu-galaa irraa gara Yunaayitid Isteetis-tti yaa’an ittisuuf jecha, loltoota dhibbaan lakkaawaman gara daangaa biyyattii gama Kibbaatti kan bobbaasu tahuu beeksisee jira.

Kan VOAf ibsa kennan – aangawaan Pentaagon, lakkoobsi loltoota ergamuuf jiranii, haga ministiriin nagaa-biyyaa gaafate irratti kan hundaa’u tahuu dubbatan. Haga ammaatti, loltoonni naga-eegumsa biyyoolessaa kuma lama tahan naannoo daangaa sanaatti bobba’anii jiran.