Dhukaasa Mana Amantaa Judotaa Kutaa Piitisburgi Keessatti Banameen Lubbuun Naootaa Bade

  • VOA

Sinegoogii yokaan mana-amantii Juudotaa as Yunaayitid Isteetis magaalaa Pitisberg keessatti dhukaasa banameen kanneen dhuman namoota kudha-tokkoof har’a sirni geggeessaa geggeessamee jira.

Hoogganoonni amantii fi ka jaarmayaalee uummataa sirna magaalaa Pitisberg keessatti geggeessame kana irratti kan argaman yoo tahu, dhaamsa obsaa, wal-danda’uu fi tokkummaa dhageessisanii jiran.

Kan umuriin 46, namni dhukaasa sana waldaa amantii keessatti bane – Roobert Bowers, har’a, mana-murtii federaalaa duratti, “yakka jibbinsaa” dabalee – himannaaleen kan irratti dhihaatan yoo tahu, yoo yakki itti murame, haga du’aan adabamuullee kan isa geessisu tahuu tu dubbatama.