Hooggantoonni Biyyoota Addunyaa Ba'i Filannoo Ameerikaa Irratti Yaada Kennan

  • VOA

Hoogganoonni biyyoota Addunyaa, ba’ii filannoo walakeessa marsaa Yunaayitid Isteetis, ka paartiin dimookiraatotaa mana-maree bakka-bu’ootaa keessatti sagalee irra-aanaa itti argate ilaalchisee yaada adda addaa kennaa jiran.

Dimookiraatonni, mana-maree bakka-bu’ootaa keessatti injifannoon argatan akka Ameerikaaf guyyaa haarawa fide dubbatan. Garuu, kana jechuun, imaammata alaa Ameerikaaf lafti barihe, jechuu miti – jedhu – xiinxalaan siyaasaa – Piiter Truboowiz.

Chaayinaan haga ammaatti ba’ii fialannoo kana irratti yaada dubbachuu irraa of qusattee jirti. Ministarri dhimma-alaa Jarmanii – Hee’ikoo Maas, ba’iin filannoo kun, keessumaa, waa’ee dilaala Yunaayitid Isteets meeshaalee Awurooppaa dhaa galan irra keesse irratti wal-muddina jiru akka hin laaffisne dubbatan.

Dubbi-himaan Prezidaantii Raashiyaa – Dimitirii Peskoovis gama isaaniitiin, ba’ii filannoo kun hariiroo Raashiyaa fi Yunaaytitid Isteets gidduu kan hin jijjiirre tahuu dubbatan.