Xiinxalaa: Ba’iin Filannoo Yunaayitid Isteetis Jijjiirraan Biyyattii Keessa Jiraachuu Mul’isa

  • Namoo Daandii

Filannoo walakkeessa marroo torban kanaYunaayitid Isteetis keessatti geggeessameen, madaaliin siyaasaa Waashingiton keessaa jijjiiraee jira. Dimookiraatonni mana-maree gad-aanu yokaan mana-maree bakka-bu’ootaa ka Koongires jedhamu keessatti sagalee yayyabaa yokaan irra aantummaa argatanii jiran.

Riippaablikaannonni immaa sadarkaa koongiresa keessaa qaban dhabaniyyuu, mana-maree murtii seeraa yokaan Senetii keessatti irra-aantummaa duraanuu qaban daran jabeeffatanii jiran. Gama biraatii, Somaliyaa, Itiyoophiyaa fi Ertiraa irraa dabalee namoonni godaantota irraa dhalatan miseensummaa Mana-maree bakka-bu’ootaaf filatamanii jira.

Walumaa-galatti, ba’iin filannoo walakkeessa marroo kun imammaata prezidaant irratti akka dhiibbaa guddaa qabaatu tu dubbatama. Ka bara 2014 miseensummaa mana-maree murtii seeraa Yunaayitid Isteetisiif dorgomanii turan – dhalata Oromoo tokko kana irratti dubbisnee jirra. Nu caqasaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Xiinxalaa: Ba’iin Filannoo Yunaayitid Isteetis Jijjiirraan Biyyattii Keessa Jiraachuu Mul’isa