Amerikaan Kufaatii Afgaanistaan Keessatti Ishee Mudateef Paakistaan Sababaa Gooti. Pakistan

  • VOA

Pakistaan yaalii farra shoroorkaa gaggeessitu kan ilaaleen prezidaantiin Amerikaa Donaald Traamp waan dubbatan mummichi ministeera Paakistaan har’a qeeqanii jiru.Amerikaan kufaatii Afgaanistaan keessatti ishee mudateef Paakistaantu balleessaa qaba jechuu barbaaddi jedhan.

Televiziyoonni Amerikaa Faaks Newuus jedhamu waliin Dilbata kaleessaa galgala gaaffii fi deebii kan gaggeessan Traamp waraan Paakistaaniif kan kennamaa ture Doolaara miliyoona dhibba hedduu irraa dhaabuun keenya sirrii dha jechuun falaman.Kanaafis sababaan kennan paakistaan waan nu hojjatte tokko hin qabdu kan jedhu ture.

Bara 2011 keessa humnootii addaa Amerikaa paakistaan seenuun Qoondaala Al-Qaidaa Osama Bin Ladeniin faana dhahuun ituu hin ajjeesiin dura Paakistaan bakka dahannaa taateefi turte jechuun Traamp himatan.

Mummichi ministeera Paakistan dhaamsa Traamp gama Twitariin dabarsaa turaniif deebii kennaa turan.Paakistaan duula waraanaa Amerikaan shoroorkeessoota irratti gaggeessitettii hirmaattee malee halleelaa shoroorkeessonni bara 2001 Amerikaa irratti raawwatan keessaa harka hin qabdu jedhan