Ajjechaa Gazexxeessaa Sa’udii Kan Ilaaleen Jarmaniin Tarkaanfii Fudhataa Jirti

  • VOA

Jarmaniin lammiwwan Saa’udii 18 daangaa Awuroopaa akka hin seenneef kan dhorkituu ta’u ministriin dantaa alaa ishee har’a beeksisee jira.Kunis ajjeechaa Gazexxeessaa lammii Saa’udii Jamaal Khashoggi waliin hidhata waan qabaniif ta’uun ibsamee jira.

Ministriin dantaa alaa Jarmanii Heiko Maas kana labsuu isaanii dura Faransaayii fi Briteen waliin dubbachuu isaanii beeksiisan.Yakka rawwatame kana irratti deebii kennamuu caalaa gaaffii ka’uutu heddumaata jedhanii eenyu gocha kana duuba akka jiru beekuun barbaachisaa dha jedhan Maas.

Kanas kan dubbatan walgahii gamtaa Awuroopaa Braasels keessatti gaggeeffamu cinatti ibsa kennan ture.

Qonsilaa Sa’udii Istaanbul jiru keessatti ajjechaa gazexxeessaa lammii Sa’udii irratti gaggeeffame fi sagalee waraabame kan ilaaleen ibsa argachuu isaanii prezidaant Traam ibsanii jiru.

Garu waan hokkaraan guutamee , sukanneessaa fi dararaa gaggeeffame mul’isu jedhan Traamp televiziyoona Fooksiif akka ibsanti.