Traamp Dhimma 'Hariiroo Dubartoota Lama Wajjin Qaban' Jedhamaa Ture Laalchisee Twiitii Godhan

  • VOA

Prezidaantiin Yunaayitid Istetis – Doonaald Traamp, filannoo bara 2016 dura dubartoonni isaan waliin quunnamtii saalaa qaban lama akka hin dubbanne ukkaamsuuf akka abukaatoon isaanii duraanii doolaara kuma dhibba lamaa fi saddeettama kenuuf ajajan, ka jedhame har’a akka dubbii salphaatti eeran.

Traamp, har’a, fuula Twiiterii isaanii irratti, kaffaltiin karaa abukaatoo isaanii duraanii - Maayikil Kohen kenname, jedhame sun dhimma dhuunfaaf maallaqa walitti kenname malee dhimma filannootti bara sanaatti hidhata qabu akka hin ta’iinitti barreessan.

Dimookiraatotaa fi abboota alangaa Federaalaa tu doggoraan akka maallaqa duula filannoof baafameetti dubbate malee dhimma sana ilaallatu miti, jedhu.