Hariiroo Ameerikaan Afriikaa Waliin Qabdu Dantaa Ameerikaa Eegsisuu Qaba: Bulchiinsa Traamp

  • VOA

Gorsaa naga eegumsa biyyoolessaa Ameerikaa, John Bolton

Bulchiinsi Traamp Afriikaa ilaalchisee tarsiimoo haaraa ifa godhee jira. Dursi kan kennamuuf garuu dantaa Ameerikaaf jedhan.

Tarsiimoo haaraa kana har’a Washington keessatti kan beeksisan gorsaa naga eegumsa biyyoolessaa John Bolton turan.

Hariiroon daldalaa US fi biyyootii Afriikaa kan fayyadu ta’uu qaba jedhan. US kana booda adda utuu hin basin gargaarsa hin kennitu, deggersa bu’aa hin qabaannee hin gootu fi gurmuu naga eegumsaa tokkummaa mootummootaa milkaa’ina hin qabaanne hin deggertu jedhan.

Deggersi US kan inni fuulefftu biyyoota keessumaa kaayyoo qabatamaa qaban irratti. Gargaarsi US ardittiif kennitu martinuu dantaa Ameerikaa kan dursuu fi Afriikaa gara of danda’uutti kan geessu ta’uu qaba jedhan.