Oduu Waraanii hidhate kaleessa Wallaggaa Lixaa aanaa Laaloo Assaabii keessatti namoota saddeeti fixee hedduu madeesse Muddee 21, 2018 Wallaggaa Lixaa NAQAMTEE — Your browser doesn’t support HTML5 Warrii qawwee tokko kalee Wallaggaa Lixaa keessatti nama 8 makiinaa keessatti fixe Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Laaloo Assaabii ganda Garjoo jedhamutti Humnootni hidhatanii konkolaataan deeman namoota 8 ajjeesanii muraasa madeessan. Maatiin miidhamtootaa fi kan ijaan argan qaamni hidhate kun raayyaa ittisa biyyaatii jedhu. Dhimmicha gargar baafachuuf yoo gara waajjira Nageenyaatti bilbille namootni kan miidhaman waraana qaama hidhatee fi kan mootummaa jidduutti uumameen jedha