Ripaablikii Dimokraatawaa Kongoo Gama Bahaa Hokkaraan Raafamaa Jirti

  • VOA

Polisoonni biyyatti hiriirtoota addaan bittineesuuf jecha rasaasaa fi gaaza himiimaansu gargaaramanii jiru.Hiriirtoonni kun filannoo Prezidaantii kan Dilbata dhufu gaggeeffamu naannoo tokko tokkotti akka turu murtaa’uu isaa mufachuun kanneen hiriiran turan.

Hiriirtoonni hedduun Gommaa gubuun waaltaa dhukkuba Ibolaa itti wal’anan kan magaala Beeni keessaa haleelan.Kunis komishinni filannoo kongoo deemsa sagalee kennuu hanga BEENI, BUTEMBO fi naannoo Sanaa hanga baatii Bitooteessaatti kan tursu ta’u eega beeksisee booda.

Kana malees komishiniin filannoo magaalaa gama dhiyaa kan taate YUMBII keessatti hokkara gosaa jiruun kan ka’e filannoon duubatti akka harkiifatu murteesse.

Beeni keessatti kanneen hiriiran gara waajiira komishina filannoo adeemuun mirgi sagalee kennuuf qabnu akkuma lammiwwan biyyatti kanneen biroo guyyuma tokko nuuf haa eegamu jechuun gaafatan.