Daandiin Umaraa fi Omhaajer Wal Agarsiisu Baname

  • VOA

Itiyoophiyaa fi Eertraa kan wal agarsiisu daandiin lafoo Humara Omhaajer har’a prezidaant Isaayas Afewrkii fi muummicha ministeeraa Itiyoophiyaa Dr. Abiy Ahimediin mul’inatti banamee jira.

Faaruu biyyoolessaa Eertraa fi Iityoophiyaatiin sirna baniinsa Omhajeer keessatti geggeessame irratti muummicha ministeeraa Eertraa Osmaan Saaleeh, gorsaa addaa prezidaant Isaayaas obbo Yemaaneeh G/Aab, ajajaa waraana gama dhiyaa Brigaadeer Jeneraal Tekilee Kiflaay, itti aana prezidaantii naannoo Tigraay Dr. D/Tsiyoon G/Igzaabeer, bulchaa naannoo Amaaraa obbo Degguu Andaargaachew, ajajaa ol aanaa ministrii ittisa Itiyoophiyaa Jeneraal Saa’iree Mokonninii fi jiraattonni Omhaajer argamaniiru.

Muummichi ministeeraa Abiy har’a ganama magaalaa Teseney ennaa seenan prezidaant Isaayas Afeworqii fi uummati Teseneey simannaa ho’aa godhanruuf.

Prezidaant Isaayas Afeworkii fi Dr. Abiy Ahimed Teseney irraa kara magaalaa Gullij ba’anii gara magaalaa Omahajeritti imaluu dhaan ture daandii lafoo Humera Omhajer kan banan.

Your browser doesn’t support HTML5

Daandiin Umaraa fi Omhaajer Wal Agarsiisu Baname