Obbo Barakat Simoonii fi obbo Taaddasaa Kaasaa har’a to’annaa jala oolan

Obbo Bereket Simoonii fi obbo Taaddesee Kaasaa

Bulchitoonni sadarkaa ol aanoo ADWAUI fi BIADEN duraanii lameen to’annaa jala kan oolan yakka qabeenyaa mancaasuu kan Xiret Korporet shakkamanii ta’uun beekamee jira.

Obbo Taaddesee Kaasaa Korpreetii Xiret jedhamuuf hoji raawwachiistuu yoo ta’an obbo Bereket Simoon immoo dura taa’aa boordii Xiret ta’uun waggoota hedduuf hojjetaniiru. Bulchitoonni duraanii lamaan har’a Finfinneetti kan argamu mana jireenyaa isaanii keessa qabaman.

Sana booda Obbo Barakat fi obbo Taaddeseen har’a ganama magaalaa Baahir Daar kan seenan yoo ta’u mana hidhaatti kan argaman ta’uu bulchiinsa naannoo Amaaraatti komiishinarri farra malaammaltummaa ZigAlee Gabayyoo tuuta oduuf ibsanii jiru.