Lakkoobsii Namoota Balaa Doniin Galaana Dimaa Keessatti Dhumanii 52 Caalee Jira

  • VOA

An International Organization for Migration map shows the approximate location of the boat that capsized off the coast of Djibuti, carrying Yemeni and Ethiopian refugees. (IOM) (FILE 2018)

Your browser doesn’t support HTML5

Namii Dooniin Galaana keessatti Dhiyoo Gara Gale Keessatti Dhumate 52 Oli

Galaana Diimaa handaara Jabuutii jiru keessatti dooniilee lama Wiixata Amajji 29 bara 2019 gargalanii liqimsaman keessa namoota turan barbaaduun har’as itti fufee jira.

Balaa doonillee lameen mudateen yoo xiqqaate namoonni 52 du’uun kan beekame yoo tahu kurna hedduu kanneen tahan immoo achi buuteen isaanii hin beekamne.

Kan lubbuun hafan 16 ta’u fi mooraa dhaaba godaantoota addunyaa (IOM) ISA Obook keessa jiruutti geeffaman. Nomoota reeffi isaanii ba’e garu achumatti awwaalamuu maddeen ibsanii jiru.

Kanneen lubbuun hafan keessaa tokko akka jedheetti Bidiruu inni keessa ture nama 85 feetee turte. Akkuma imala jalaqabanti daqiiqaa muraasa booda motorri bidiruu dhaamnaan inni oofaa ture utaalee ba’e sana booda garagaltee jedha.

Bidiruun lameen namoota 130 ta’an fe’anii akka turan gabaafamee jira. Bidruu isheen lammataa eessa buteen ishee hin beekamiin jira.

Gabaasa Guutuu Caqasaa