Dallaa Daangaa Meeksiikoo Nan Ijaara: Prezidaant Doonaald Traamp

  • VOA

Prezidaant Doonaald Taamp haasaa waggaa guutuu biyyaa dhageesisaniin Ameerikaa fi Meeksikoo gidduutti dallaa ijaaruuf dhiibbaa isa dhumaa gochuu dhaan, ta’uu baannaan hojiin mootummaa deebisee akka cufamu akeekkachiisan.

“Dallaa nan ijaara” jechuun kan dhaatan Traamp waada isaanii duula filannoo kan ture waa’een dallaa daangaa ijaaruu haasaa isaanii irra jiressa ka dhuufate ture.

Utuu nut amma dubataa jirruu jamaan koolu galtoonni garee dhaan qindaa’anii gara Yunaayitid Isteetisitti yaa’aa jiru jedhan.

Filannoo walakkeessa marsaa geggeessameen dimokraatonni mana maree bakka bu’oota uummataa yoo dhuunfatan senetii keessatti immoo ripaablikaanotatu barcuma irra jireessa qaba. Traamp wixinee imaammata isaanii hojii irra oolchuuf mootummaa addaan qoodametu isaan mudatuuf jira.