Bulchootii Afrikaa kora waldaa isaaniitiif Finfinnee jiranii waan nama Afrikaa miliyoona 17 baqachiisellee irratti mari'atan

  • VOA

Bulchootii Waldaa Afrikaa Finfinneetti Kora taa'uutti jiran

Your browser doesn’t support HTML5

Bulchootii Afrikaa kora waldaa isaaniitiif Finfinnee jiran

Kora kama buclhoota Afrikaatii fi itti gaafatamtootii dhaabbilee addunyaatti itti jiran. Korii kun haga guddaan rakkoo baqataa irratti mari’ata.

Bulchiinsii muummee minsitera Itoophiyaa kora isaa ka duraa kana keessummeessa. Akka itti gaatamtamaan waajjira odeeffannoo Muuumme Ministera Itoophiyaa,obbo Nigusuu Xilahun jedhetti Itoophiyaan jijjiirama itti jirtu kora kana irratti dubbachuuf milkii dansaa qabdi.

Korii kun haga guddaan waan rakkoo baqataa irratti dubbata.Baqataa qofaa mitii ka baqatee biyyatti dachahellee faluu malan irratti mari’atan

Akka damee baqataa Tokkummaa Mootummootaa jedhetti Afirkaa keessaa nama miliyoona 17 baqatee, hagii guddaan waraanaatti baqachiise.

Khabele Maltosa Koomishiinii Waldaa Afrikaatti itti gaaatamaa damee siyaasaati.Waan nama baqachiise beeku feena jedha.

"Haga guddana humnaan baqachiisan.Dhiba nama baqchiisuu beekuu feena .Akka jireennii namaa wal caale,hiyyumtii ahaga dabarte fi waan akkanaa kana dubbachuu feena.Filannoon seera dhabdelleen waan biyyaa nama basaa keessaa tokko.”

Korii Waldaa Afrikaa kun ta waliin marroo 50essoo dhiba akkanaa kanatti mari’ate. Ammaayyuu Afrikaa keessaa biyya hedduu filannoo irratti wal dhabee biyya nama oofe.Lolii gosaalleen dhiba biyyaa nama oofe keessa tokko.

Waldaa Afrikaatti bakka bu’aan UNHCR, Cosmas Chanda karaa akka namii qa’ee baqate dacha’uu mariitti jirra jedha.

"Waan nama miliyoona 17 biyyaa oofe wal gaafachuutti jirra.Waan guddoo miira nama yakkaati.Akka namii nagumaan qa’eetti dachau dubbachuutti jirra.”

Akka Tokkummaa Mootummootaa jedhutti Ugaandaa nama miliyoona 1.4 baqate.

Suudan Kibbaati miliyoona 2.4. Addunyaa ammooo haga guddaan nama Siiriyaa fi Afgaanistaaniitti baqte.