Ajjeechaa Obbolaan Lameenii Eebantuutti Raaw’atame Qorachuu Jalqabe, Jedha Mootummaan

Obboleeyyan lamaan Wallaggaa Bahaatti Ijjeesan

Dhimma ajjeechaa Dilbata darbe, godinaa Wallagga Bahaa, aanaa Eebantuutti dargaggoota lama irratti raawwatame ilaalchisee qorannaan eegalamuu isaa bulchaan aanichaa Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti himanii jiran.

Abbaan ijoollee isaanii lamaan wal faana dhaban yakkamtootni ajjeechaa sana raaw’atan ammallee hin qabamne jedhu.

Waajjirri Komunikeeshinii Godina Wallagga Bahaa ammoo, "Gochaa sana kan raawwate eenyullee tahu eega qorannoon adda-bafamee booda ol’aantummaa seeraa kabajchiisuuf seeratti ni dhiyaata" jedha.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa guutuu caqasaa